Fana: At a Speed of Life!

Obbolummaa Sabdaneessa Mirkaneessaa Nageenya Waaressina-BKO

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC)-Obbolummaa Sabdaneessa Mirkaneessaa Nageenya Waaressina jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi ibsa baaseen, seenessi waloo humna waloo guddicha gaara rakkinaa diigu, seenessa qeenxee mo’ee tokkummaa biyyaalessummaa ijaarudha jedheera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Itoophiyaan biyya goototaa gootummaan beekamtu qofa osoo hin taane biyya sabdaneettiidha.

Gootummaafi duudhaa gaarii qabdu kanaanis qormaattota keessaafi alaa ishee muudatan hunda qolachaa biyya ijaaramaa jirtudha. Kanaafis dhaloonni darbe aarsaa kaffaluun biyya kabajaaf ulfina qabdu gootummaan tiksanii nu dhaalchisan.

Haata’u malee, deemsa ijaarsa biyyaa ture keessatti sabboonummaa sabummaafi biyyaalessummaatiif madaalliin sirnaawaa ta’e kennamaa waan hin turreef sabdaneessummaaf Itoophiyaaf madaalliin sirriin hin kennamiifiin tureera.

Kanaanis gama tokkoon finxaalessummaan gama biraatiin rakkooleen bulchiinsa gaariifi hojmaatonni badaan murna xiqqaaf karaa bananii ijaarsa biyyaas hudhanii qaban.

Waggoota Shanan darbe jijjiirama qabsoo uummataatiin kan dhalate mootummaan jijjiiramaa fedhiifi gaaffii uummataa deebisuu, obbolummaa sabdaneessa mirkaneessuun Itoophiyaa sabdaneetiitti kabaja horuufi seenessa biyyaalessaa dhugaa waloo irratti ijaarameen imala badhaadhinaa galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira.

Kun ammoo finxaalessitootaafi seenessa qeenxee qabatanii socho’aniin gufannaa yoo ta’u Itoophiyaa garuu qormaata keessatti kan ishee cimsudha. Injifannoon argamaa jirus itti fufinsa kan argatu seenessa waloo ijaaruun biyya hunda keenyaaf taatu waliin yoo ijaarrefi tiksine qofaadha.

Seenessi waloo humna waloo guddicha gaara rakkinaa diigu, seenessa qeenxee mo’ee tokkummaa biyyaalessummaa ijaarudha.

Hooggansi jijjiiramaa tarkaanfiilee gurguddoo waggoota Shanan darbe hojii irra oolchaa jiruun finxaalessummaa gochaanis ta’e ilaalchaan mul’achaa jiru aduu qabsoo uummataatiin dadhabsiisaa gama biraatiin ammoo hojiilee misoomaa tarkaanfilee haaraan dabaaluun injifannoolee gurguddaa galmeessaa jira.

Finxaalessummaan Seenessa walooma kan ganu, garagarummaa qofa irratti kan xiyyeeffatu, heddumina balfuun seenessa qeenxeetiif dursa kan kennuufi kabaja biyyaa kan xiqqeessu waan ta’eef ijaarsa Itoophiyaa haaraaf ilaalchaanis ta’e gochaan hamaadha.

Kanaafis ifatti irratti qabsaa’uufi saaxiluun barbaachisaadha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gochoota badaa waliin jireenyaa sabootaafis ta’e ijaarsa biyyaaf gufuu ta’an irratti qabsoo uummataa finiinsuun cimsee hojjechaa jira.

Kanaanis kallattii akka biyyaatti kaa’ame hojii irra oolchuun hariiroo obbolummaa sabootaa cimsaa seenessa waloo ijaaramaa jiruun utubee galma waloo dhugomsuuf mareen uummataa gurguddaan sadarkaa sadarkaan gaggeeffamaa jira.

Uummanni keenyas carraa argate hundaan qabsoo finxaalessummaa irratti taasifamu cimsuu, rakkoolee bulchiinsa gaarii maksuufi nageenya waaressuuf jalqabame finiinsuun ijaarsa biyyaa eegalame fiixaan baasuuf tumsuu qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo argame itti fufsiisuuf uummanni keenya gaachanaafi da’oo keenya jedhee amana.

Kanaafis qindeessuu, ijaaruufi misoomaaf hiriirsuun uummanni mootummaa isaa waliin ta’ee maraammartoo qormaata damdaneessa keessa jirru waliin injifachuun Ashaaraa dhaloota dhufu dhaalchisuuf kutannoon hojjechaa jira.

Kanaafis Obbolummaa sabdaneessa mirkaneessaa nageenya naannoo keenyaa waaressuufi misoomni itti fufiinsa qabu akka milkaa’uuf hunduu gumaacha isarraa eegamu akka taasisu waamicha dhiyeessina.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Finfinnee

Guraandhala /2016

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.