Fana: At a Speed of Life!

Obbolummaa Sabdaneessa bu’uura cimaa irratti ijaaruun Finxaalessummaa dhabamsiisaa ijaarsa biyyaa itti fufsiifna-BKO

Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)- Obbolummaa Sabdaneessa bu’uura cimaa irratti ijaaruun Finxaalessummaa dhabamsiisaa ijaarsa biyyaa itti fufsiifna jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi ibsa baaseen bu’uurri obbolummaan sabdaneessaa Itoophiyaan irratti ijaaramte rakkoowwan garaagaraan kan qoramu ta’us, qormaatilee kana injifachuun biyya badhaateefi kabajamte akka ijaaramtu kan hinshakkine ta’uu eereera.

Guutummaan ibsa biirichaa akka ittaanutti dhiyaata.

Itoophiyaan qormaatilee keessaafi alaa hedduu injifachaa birmadummaafi tokkummaa ishee eeggachuun har’a gahuu kan dandeesse tokkummaa sabootaafi sablammootaa bu’uura cimaa irratti ijaarameen akkasumas hariiroo jabaa jidduu isaanii jiruufi wareegama biyya isaaniif jecha gamtaan kaffalaa turaniinidha.

Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa afaan, aadaa, duudhaa, amantaafi eenyummaa garaagaraa qabaatanis hariiroon obbolummaafi waliin jireenyaa, jaalalli biyya isaaniif qabaniifi wareegamni biyya isaaniif jecha kaffalaa turan garaagarummaa kanaan kan daanga’e miti.

Inumaayyuu, garaagarummaa kana madda miidhaginaafi ciminaa taasifachuun weerartoota birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf aggaamaa turan hunda irree tokkummaan ofirraa qolachuun ashaaraa gootummaa yeroon hin jijjiirre dhaloota dhaalchisaniiru.

Ashaaraan gootummaa abbootii keenyaan bu’uurame kunis dhaloota har’aaf madda sabboonummaa ta’uun tajaajilaa kan jiru, tokkummaan bu’uura injifannoo ta’uus kan mirkaneessedha.

Tokkummaafi obbolummaan sabootaafi sablammootaa kun sirnoota kaleessaa, hariiroofi obbolummaa sabootaaf osoo hin taane dantaa murnaafi fedhii aangoo isaaniif dhiphataniin qoramaa kan ture yoo ta’u, har’a ammoo finxaleyyii fedhii walitti bu’insaa, jeequmsaa, nagaafi tasgabbii dhabuu biyyaa irraa bu’aa argachuuf hojjetaniin qormaata keessummeessaa jira.

Ta’us, bu’uurri obbolummaan sabdaneessaa Itoophiyaan irratti ijaaramte rakkoowwan garaagaraan kan qoramu ta’us, qormaatilee kana injifachuun biyya badhaateefi kabajamte akka ijaaru shakkiin hin jiru.

Biyyi keenya Itoophiyaan biyya rakkoowwaniifi qormaatilee hedduu keessa dabartee as geesse ta’uun ishee akka biyyaatti dhimmoota tokko tokko irratti waliigalteen osoo hin uumamiin akka turu taasiseera.

Finxaaleyyiin dhimmoota akka biyyaatti waliigalteen irratti hin uumamne kanatti fayyadamuun sabaafi saba, amantaafi amantaa, naannolee ollaa walii ta’an gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf dhagaan isaan hin garagalchine hinjiru.

Yeroo ammaa mootummaan bu’ura Ida’amuutiin waldhabdeewwan seenaafi siyaasaa turan hunda dhiifama, mariifi araaraan furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Komishinii Araara Biyyoolessaa hundeessuun hojii guddaa hojjechaa jira.

Gama biraan biyya keenyatti obbolummaa sabdaneessa federaalizimii sabdaneessaan utubame cimsuu, sirna dimokiraasii ijaaruu, mirga ofiin of bulchuu sabootaafi sablammootaa bu’uura seeraan dhugoomsuu, madaala eenyummaa sabummaafi biyyoolessaa eeguun tokkummaa biyyaa cimsuu, badhaadhina dinagdee mirkaneessuun fayyadamummaa dinagdee lammiilee haqa qabeessa dhugoomsuufi dhaabbilee ciccimoo ijaaruun biyya hundaaf mijatte uumuuf hojjetamaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas naannoon keenya naannoo nagaafi tasgabbiin keessatti mirkanaa’e, obbolummaafi waliin jireenyi sabootaa keessatti dagaage, naannolee ollaa waliin hariiroo gaariin uumame, olaantummaan seeraa keessatti kabajame, ilaalchiifi gochi finxaaleyyii bakka dhabe taasisuuf xiyyeeffaannoo olaanaan hojjechaa jira.

Haata’u malee, Finxaaleyyiin sabaafi amantaa jala dhokachuun bu’aa sabaafi amantaa kamiyyuu akkasumas dantaa biyya giddugaleessa hin godhanne argachuuf keessaafi alaan qindaa’anii hojjetan kunneen kaayyoo isaanii isa dhumaa sirnaafi biyya diiguu galmaan ga’achuuf sabaafi saba, amantaafi amantaa walitti buusuuf, hooggansa jidduutti walshakkii uumuufi addaan qoqqooduun mootummaa dadhabsiisuuf olola sobaa, duula jibbinsaafi maqa balleessii facaasuu hojii isaanii guyyaa guyyaa taasifatanii hojjetu.

Uummanni Oromoos akkuma kaleessa saboota, sablammootaafi uummattoota obbolaa waliin ta’uun birmadummaafi tokkummaa Itoophiyaa irree gamtoomeen tiksaa Itoophiyaan injifannoo gonfachaa akka itti fuftu taasisaa ture, har’as sabaaf sablammoota waliin obbolummaa isaa caalmaatti cimsachuufi federaalizimii sabdaneessa jabeessuun injifannoo qabsoofi wareegamaan gonfate tikfataa ilaalchaafi gocha finxaalessummaa dhabamsiisuun biyya badhaadhina hundagaleessa milkeessite uumuuf gumaacha taasisaa tureefi jiru cimsee itti fufuu qaba.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Caamsaa, 2015

Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.