Fana: At a Speed of Life!

Obboleeyyaan lama Ameerikaa jiraatan Kitaabilee kuma 7 mana Kitaabaa Abrihootiif gumaachan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) – Dhalattoonni Ityoophiyaa Obboleeyyaan lama Ameerikaa jiraatan Kitaablee kuma 7 mana Kitaabaa Abrihootiif gumaachaniiru.

Shamarraan kunneen kitaabilee kallattii adda addaan walitti qaban kanneen Embaasii Ityoophiyaa Ameerikaatti argamuuf laataniiru.
Haati dargaggoota kanneenii Aadde Ayyaantuu Abbabaa jedhaman kitaabilee kanneen Embaasichaaf laataniiru.

Kitaabileen kunneen Ityoophiyaatti aadaan dubbisaa akka dagaaguu fi dhiyeessiin guutuu ta’e akka jiraatu tumsuuf kan gumaachame ta’uu ibsameera.
Kitaabilee Afaan, Seenaa, Herreegaa, Qorannoo fi kanneen biroof tajaajilan ta’uu eerameera.

Hojiin dhaloota qaruuf gumaachame kun hojii fakkeenyummaa gaarii ta’uu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiy Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Shamarran obboleeyyaan kanneenis galateeffachuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.