Obbo Umood Ujuluun Sagantaa Ashaaraa Magariisaa eegalchiisan
Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa Sadarkaa naannichatti eegalchiisan.
Obbo Umood naannicha Aanaa Gaambeellaatti saganticha eegalchiisuun eerameera.
saganticharratti haasawaa taasisaaniin, ummanni naannicha hundi sagantaa Ashaaraa magariisaarratti akka hirmaatuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa naannichatti gaggeeffamuun oomishaaf Oomishtummaa dabaluun misooma dinagdee magariisaa ijaaruuf kan dandeessisuu ta’uu himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.