Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tawaldee Gabramaariyaamiif badhaasni bara jireenyaa laatame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014(FBC)- Hojii Raawwachiisaa duraanii  Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Obbo Tawaldee Gabramaariyaam ga’umsa hoggantummaa olaanaa damee geejjiba Qilleensaarratti argisiisaniif dhaabbanni Ingiliz Filaayit Giloobaal jedhamu badhaasa bara jireenyaa laateef.

Obbo Tawaldeen badhaasicha  sagantaa badhaasaa magaalaa Landanitti qophaa’e irratti fudhachuu ragaan Waltajjii Daldalaa fi Invastimantii Ityoo irraa argame ni mul’isa.

Obbo Tawaldeen badhaasicha kan argatan waggoottan 11 darban hojii raawwachiisaa olaanaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa ta’uun wayita tajaajilanitti  sagantaa qophii karoora yeroo dheeraa fi dandeettii rakkoo to’achuu irratti argisiisaniif beekamtii kennuu  dhaabbatichi ibseera.

Hoggansa isaaniin daandiin qilleensichaa dacha afuriin guddachuu eeruun, baay’inni xiyyaaraa daandichaa 33 irraa gara 130tti, baay’inni imaltootaa miiliyoona 3 irraa gara miiliyoona 12tti guddachuu dhaabbatichi beeksiseera.

Obbo Tawaldeen daandii qilleensichaa waggoottan 37’f erga tajaajilanii booda Guraandhala darbe sababa rakkoo fayyaan itti gaafatamummaa isaanii gadi lakkisuun kan yaadatamudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.