Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tawaldee Gabra Maariyaam fedhii isaaniin aangoo gadi lakkisan

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Hoji raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabra Maariyaam fedhii isaaniin aangoo gadi lakkisaniiru.

Daandiin qilleensichaa ibsa baaseen obbo Tawaldeen fedhii isaaniin aangoosaanii gadi lakkisuu beeksiseera.

Daandiin qilleensicha dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, obbo Tawaldeen baatiwwan 6’n darbaniif yaala fayyaa isaanii Ameerikaatti hordofaa turuu beeksiseera.

Obbo Tawaldeen sababa rakkoo fayyaa qabaniif hojii raawwachiisaa daandii qilleensa Ityoophiyaa ta’aanii itti fufuu akka hin dandeenyee ibsuun, boordii hoggansa hojiif gaaffii hoji gadi lakkisuu dhiyeessuun isaanii ibseera.

Bu’uuruma kanaan boordiin hoggansa hojii daandii qilleensa Ityoophiyaa walga’ii har’a gaggeesseen gaaffii obbo Tawaldeen dhiyeessaa fudhachuu beeksiseera.

Boordiin hoggansaa hojii kun bakka bu’aa obbo Tawaldee hojii raawwachiisummaa olaanaa daandii qilleensichaaf dhiyeenyatti akka ramaduus ibsameera.

Daandiin qilleensicha ibsichaan, obbo Tawaldeen waggoota 10 oliif dhaabbaticha wayita hogganaa turaniitti milkaa’ina olaanaa galmeessuu ibsameera.

Hoggansa isaaniitin daandiin qilleensichaa madaallii hundaanuu milkaa’ina addaa galmeessuu ibsun, galiin waggaa daandii qilleensichaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 irraa ka’e amma doolaara biiliyoona 4.5 caaluu eerameera.

Lakkoofsi xiyyaarootaa 33 turaniis gara 130tti guddachuu fi lakkoofsi maamiltoota waggaatti keessummeessu miiliyoona 3 gara miiliyoona 12 ol guddateera jedhameera.

Boordiin hoggansa hojii, hoggantoonni olaanoo fi hojjettoonni waliigalaan maatiin daandii qilleensichaa shooraa isaaniif galateeffachuun, fayyaa gaarii akka qabataniif haawwaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.