Obbo Tamasgeen Xurunaan sosochii biyyaalessaa Misooma Sululaa eegalchiisan
Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)-Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan sosochii biyyaalessaa Misooma Sululaa kan bara 2017 eegalchiisaniiru.
Obbo Tamasgeen ergaa gama miidiya hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Misooma sululaa babal’isuun qabeenya biyyee qabnu badhaadhinaaf olchuuf tattaafachuu qabna jedhan Obbo Tamasgeen
Haaluma kanaan sosochiin biyyaalessaa misooma Sululaa Qindaawaan bara 2017 eegaluu ibsaniiru.
Karoora misooma qabeenya umaama galmaan ga’uuf waggaa waggaan lammiilee miiliyoona 14 ol hirmaachiisuun hojii misooma Sululaa hojjetameen jijjiramni qabatamaan argamuu eeraniiru.
Kunuunsa qabeenya umamaa fi misooma Sululaa hojirra oolchuun diinagdee jijjirama qabeenya qilleensaa dandamachu danda’u ijaaruun murannoo qabnu agarsifmeerra jedhan.
Bara kana lafa heektara miiliyoona 4.1rratti eegumsi qabeenya umamaa fi misoomni Sululaa kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.
Obbo Tamasgeen karoorri qabame akka milkaa’uuf qaamni hundi akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia