Obbo Tamasgeen Xirunaan qaamoleen hidhannoon socho’an gara nagaatti akka dhufan waamicha dhiyeessan
Finfinnee,Mudde 9, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee Itti Aanaan FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan qaamoleen hidhannoon socho’an gara waltajjii nagaatti akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru.
Karri mootummaa yeroo hunda nageenyaaf banaa ta’uu kaasaniiru.
Ummanni Godinaalee, Aanaalee fi Magaalota Naannoo Amaaraa har’a mata duree ‘Nageenyi Hundaaf, Hundi nageenyaf’ jedhuun hiriira gaggeessuun murannoo nageenyaf qaban agarsiisuu isaaniif galateeffataniiru.
Ummanni waamicha nageenya mootummaan irra deddeebiin dhiyeessu deeggaruun sochii finxaaleeyyii balaalleffachuu isaanii Obbo Tamasgeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Humnoonni hidhannoon socho’an gara waltajjii nagaatti akka dhufan ummanni waamicha dhiyeessuu isaanii dubbataniiru.
Naannoo Amaaraa giddugala nageenyaa fi misoomaa taasisuuf hunda waardiyyaa nageenyaa ta’uu qaba jedhan.
Walitti bu’iinsarraa bu’aan argamu waan hin jirreef humnoonni hidhannoon naannicha keessa socho’an gara waltajjii nageenyaatti akka dhufan waamicha taasisaniiru.
#Oromia #Ethiopia