Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tamasgeen Xirunaan Ministira Diinagdee Azaarbaajaan waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Daawwannaa hojiif Azaarbaajaan kan jiran Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan Ministira Diinagdee biyyaattii Mikaayiil Jaabaaroov waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota fayyadamumma Dinaagdee biyyoota lameenii mirkaneessanirratti waloon hojjechuuf waliigalteerra ga’amuu Obbo Tamasgeen fuula miidiya hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Azaarbaanjaan carraa misooma amansiisaa Itiyoophiyaa jirutti fayyadamuun, keessattuu Galii guddisuu, Invastimantii fi hojiilee tarsiimaawaarratti muxannoo qabdu qooduuf fedhii qabaachuu eeraniiru.
Dabalataniis carraa waloon misoomutti fayyadamuun waloon hojjechuuf murannoo qabaachuus kaasaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.