Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tamasgeen Xirunaan argisiisaa ijaarsaa idil addunyaa Finfinneetti qophaa’e banan

Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xirunaan agarsiisaa fi Siimpoziiyeemii ijaarsaa idil addunyaa ‘Biig 5 konistraaktii Itiyoophiya 2024’ Finfinnee galma Barkumeetti qophaa’e banaaniiru.
Saganticharrati Itti Aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xirunaa, Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo, Kantiibaa Magaalaa Finfinee Aadde Adaanech Abeebee, Ministiroonni, Qoondaltoonni olaanoo Mootummaa fi qooda fudhattoonni argamaniiru.
Agarsiichi waliigalaan Indaastirii Ijaarsaa hanga Teeknooloojii ijaarsaa Ismaartiitti kan of keessatti qabate ta’u eerameera.
Agarsiisicharratti Biig 5 Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 24 kan hirmaatan ta’uu ibsameera.
Dhiyeessitoonni agarsiisaa idil Addunyaa fi biyya keessa 156 agarsiisicha kan dhiyeessan yoo ta’uu, 115 idil Addunyaa, 14 immoo dhaabbilee biyya keessaa ta’uun ibsameera.
Saganticharratti mariiwwan paanaalii ogummaa 22 itti fufiinsaan kan gaggeeffamu yoo ta’uu, mariichan dhimmoonni ogummaa Mahaandisummaa, Bulchiinsa teeknooloojii ,Teeknooloojii ,Bu’uuraalee Misoomaa fi ijaarsa Gamoowwanii bal’inaan kan kaafaman ta’uu eerameera.
Agarsiisichi Caamsaa 22-24 ,2016 tti kan turu ta’uun ibsameera.
Firihiwoot Saffiwitu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.