Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tamasgeen Azaarbaanjaatti Zoonii Dinaagdee Bilisaa “Alaat “jedhamu daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan Azaarbaanjaatti Zoonii Dinaagdee Bilisaa “Alaat “jedhamu daawwataniiru.

Zooniin Dinaagdee Alaat Azaarbaanjaatti sagantaa Dinaagdee Mootummaa biyyattii keessaa isa duraa ta’u ibsuun, oomishaaleen bakka bu’oo fi gabaa idil Addunyaaf dhiyaataan qulqullinaa fi bal’inaan kan itti oomishaman ta’uu ibsameera.

Zoonii dinaagdee kanaatti indaastiriwwan oomishaaf bakka hojii mijataa uumuu,gatii teeknoolojjiiwwan oomishaa fi kalaqaa akkasumas gatii dabalataa fayyadamuun gabaa alaaf akka dhiyaatu kan taasiifamu ta’uun eerameera.

Obbo Tamasgeen Zooniichi Azaarbaajaanirra darbe bakka “handhuura Invastimanti “naannawichaa jedhamuun wamaamu kanarraa muxannoo cimaa argaachuu fuula miidiya hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Obbo Tamasgeen, Simannaa fi ibsa Dura Ta’aan Zoonii Dinaagdee ‘Alaat’ isaaniif taasisan galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.