Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tamasgeen Xirunaan Beenishaanguul Gumuzitti Warshaa Maarbilii fi Leemmanaa daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) –Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo TamageenTamasgeen Xirunaan naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Warshaa Maarbilii fi Leemmanaa daawwataniiru.

Pireezidaantii naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, Ministira Ministeer Albuudaa Injinar Haabtaamuu Taganyi dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon daawwannicharratti argamaniiru.

Jijjiiramaan booda nageenya waaressuun hojiin Albuudaa fi Leemmanatti fayyadamuuf eegalame jajjabeessaa ta’uu Obbo Tamasgeen Xirunaan eeraniiru.

Oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf hojiin abdii namatti horan hojjetamuu himaniiru.

Tattaaffiin qindoomaan eegalame kun cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.