Fana: At a Speed of Life!

Obbo Taayyee Danda’aan to’annoo jala oolfaman

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Dandaa’aan to’annoo jala oolfaman.

Humni Waloo Nageenyaa Biyyaalessaa ibsa miidiyaaleef ergeen akka beeksisetti, Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan jijjiiramaan dura Miseensa ABO fi mana hidhaa keessa kan turan yoo ta’u, jijjiiramaan booda dhiifama taasifameefiin mana sirreessaa keessaa gadi lakkifamuun carraa kennameefiin sadarkaa mootummaa federaalaa fi naannootti bakkoota ittigaafatama garaagaraatti hojjechaa turaniiru.

Haa ta’u malee, Obbo Taayyee Danda’aan itti gaafatamaa mootummaa fi ummataan itti kenname keessumaa Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa ta’uun nageenyaamirkaneessuuf hojjechuu utuu qabanii, faallaa kanaatiin Itiyoophiyaa diiguuf humnoota farra nageenyaa socho’an waliin walta’uun ergama badiisaaf hojjechaa turuu bira ga’amuu ibsameera.

Kana malees, biyyattii naannawaa garaagaraatti gochaalee shororkeessummaa lammiileerratti raawwatamaa turan addatti ammoo ugguraan walqabatee akka qooda keessaa qaban bira ga’amuu beeksiseera.

Kaayyoo kana tarkaanfachiisaa kan turuun kan Shakkaman Obbo Taayyee Danda’aan, mootummaan to’annoo jala oolfamuu akka danda’u tilmaamuun qabsaa’aa fakkaachuuf miidiyaa hawaasummaa ofii isaanii fi kanneen biroorratti barreeffamootaa farraa nageenyaa fi diigoo, haasawaa fi ibsaa garaagaraa maal na dhibdeedhaan tamsaasaa fi kennaa turanillee, itti gaafatamaa jalaa miliquun waan hindanda’amneef Humna Waloon to’annoo jala oolfamuu akeekeera.

Dabalataan, Obbo Taayyee Danda’aan itti gaafatama mootummaa fudhatanii wayita hojjechaa turanitti caasaa mootummaa fi paartii shiraan jigsuuf dhoksaan socho’aa turuu hubachuun humnichi waloo, qorannoo fi hordoffii walirraa hincitne gaggeessaa turuu ibseera.

Hordoffii taasifameen Obbo Taayyee Danda’aan hoggantootaa ABO Shanee fi humnootaa fiinxaaleyyii yakkaa shororkeessummaan shakkaman waliin hariiroo uumuun fincilaan, shororkaan, qabsoo hidhannoon mootummaa aangoorraa buusuuf shira xaxaa turuu kan irra ga’ame ta’uu eereera.

Shakkamaa Taayyee Danda’aan wayita to’annoo jala oolfamanitti, mana jireenyaa isaanii keessatti sakatta’aa taasifameen, gochaa farra nageenyaaf dhoksaan itti fayyadamaa kan turan bilbila moobaayilaa 9, kompiwuutara laaptooppii 4, Ayipaadiiwwan 3, filashiiwwan hedduu, gabatee konkolaataa garaagaraa 4 fi meeshaalee elektirooniksii addaa addaa, kilaashii fi shugguxii rasaasa waliin, akkasumas asxaawwan ABO Shanee, maqaa namoota garaagaraan waraqaa eenyummaa qophaa’an, sanadootaa fi yaadannoowwan kan argaman ta’uu ibseera.

Akkasumaas miseensi garee ABO Shanee waraqaaa eenyumaa garagaraa sadii fayyadamu dhokatee mana jireenyaa isaanii keessatti argamuu fi to’annoo jala oolfamuu ibsichaan eerameera.

Obbo Taayyee Danda’aan aangoo olaanaa kennameef qabatanii irra deddeebiin mootummaadhaan duguugaa fi ajjeessaa jechuun qeeqaa turanis, gochaan garuu shororkeessitoota, fiinxaaleyyii fi lubbuu baastota waliin hariiroo badiisaa qabaachaa kan turan ta’uu isaanii hordoffii taasifameen mirkanaa’uu humnichi waloo ibseera.

Humnichi waloo caasaa mootummaa fi paartii keessa ta’anii, kanneen kaayyoo walfakkaataarratti bobba’an irratti hordoffii qorannoo bu’uureffate taasisaa jiraachuu fi akka barbaachisummaa isaattis tarkaanfii seeraa fudhatamu fuulduratti ummataaf kan ifoomsu ta’uu ibsichaan akeekeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.