Fana: At a Speed of Life!

Obbo Taammiraat Fayyisaan yeroo 2ffaaf Preezdaantii Federeeshinii Teekaawaandoo Afrikaa ta’uun filataman

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Federeeshiniin Teekaawaandoo Afrikaa obbo Taammiraat Fayyisaa irra deebiin Preezdaantii federeeshinichaa taasisuun filateera.
Federeeshinichi guyyaa kaleessaa Yaa’ii Waliigalaa 5ffaa Magaalaa Finfinneetti gaggeesseera.
Yaa’ichi filannoo Koree hojii raawwachiiftuu gaggeesseen obbo Taammiraan Fayyisaan waggoottaan itti aanaa 4f Federeeshinii Teekaawaandoo Afrikaa akka hogganu filateera.
Federeeshiniin Teekaawaandoo Afrikaa bara Faranjootaa 2016 kan hundaa’e yoo ta’u, Ityoophiyaa, Biruundii, Kootdivaaheer, Rippaablikni Diimookiraatawaa Koongoo, Jiibuutii, Gaambiyaa, Moozaambiik, Seeneegaal, Soomaaleelaand, Ugaandaa fi Taanzaaniyaan miseensa isaa ta’uu eerameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.