Obbo Taaggasee Caafoon Sirna Bulchiinsa Miidiyaa Diijitaalaa Itiyoophiyaa hojii eegalchiisan
Finfinnee, Caamsaa 9, 2016 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon sosochii Hojii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa daawwataniiru.
Daawwannichaan booda Sirna Bulchiinsa Miidiyaa Diijitaalaa Itiyoophiyaa eebbisiisuun hojii eegalchiisaniiru.
Sirni Bulchiinsa Miidiyaa Diijitaalaa kun odeeffannoo waliigalaa miidiyaalee hundaa kan galmeessuu fi kan hordofu ta’uu Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Obbo Mahammad Idiriis eeraniiru.
Sirnichi eeruu hawaasas kan simatuu fi eerichi sadarkaa maalirra akka gahe kan hordofu ta’uu himaniiru.
Hanga ammaatti miidiyaaleen 271 hojiirra jiraachuu kaasaniiru.
Hayimaanoot Iyyaasuutu gabaase.