Fana: At a Speed of Life!

Obbo Taaggasee Caafoon sagantaa tola ooltummaa gannaa naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti tajaajila tola ooltummaa gannaa eegalchiisaniiru.
Obbo Taaggasee Caafoo fi Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad manneen harka qalleeyyii 30 haaromsuu eegalchiisaniiru.
Sagantaa eegalchiisa tajaajila tola ooltummaa kanarratti hoggantoonni mootummaa naannichaa fi federaalaa biroon argamuu ibsameera.
Tajaajilli Tola Ooltummaa karoora sadarkaa biyyatti oomishaa fi Oomishitummaa dabaluu qabame milkeessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.