Fana: At a Speed of Life!

Obbo Taaggasaan Boordichi filannoo biyyaalessaa 6ffaa 2013tti gaggeessuuf qophii meeshaale taasisuu ibsan

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Ay- Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa filannoo biyyaalessaa 6ffaa 2013tti gaggeessuuf qophii meeshaale taasisuu ibsaniiru.

Obbo Taaggasaa Caafoo hoggantoota mana marichaa waliin ta’uun qophii boordichi filannoof taasisaa jiru guyyaa har’aa daawwataniiru.

Daawwannaadhan booddee ibsa laataniin boordiin filannoo biyyaalessaa 90% qophii meeshaalee taasisuu himaniiru.

Filannichi amanamaa, demokiraatawaa fi iftoomina akka qabaatuuf meeshaaleen barbaachisoon qophaa’uu ibsaniiru.

Ummanni Ityoophiyaa fi paartilen siyaasaa filannichi haqa qabeessaa fi amanamaa ta’ee akka xumuramuuf ga’ee isaanii akka ba’atan Ay-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.