Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis preezdaantii Mana Maree Daldalaa Jibuutii fi miseensota mana marichaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan preezdaantii Mana Maree Daldalaa Jibuutii fi miseensota mana marichaa waliin mari’atan.

Jilli hoggansa olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallisiin duurfamu Jibuutii daawwateera.

Jilichi preezdaantii Mana Maree Daldalaa Jibuutii Yusuuf Muusaa Dawwaallee fi miseensota mana marichaa waliin mari’ateera.

Maricharratti Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Abdulaaziiz Mahaammadii fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jibuutii Mahaammad Idriis Faaraah argamaniiru.

Hariiroo gaarii Ityoophiyaa fi Jibuutiin qaban obbo Shimallis Abdiisaan dinqisiifatanii, caalmaan akka cimus gaafataniiru.

Manni marichaa hidhanni biiznasii fi daldalaa hawaasa biiznasii naannoo Oromiyaa waliin qabu akka cimuu qabu ibsaniiru.

Preezdaantichi gama isaanitiin hariiroo biiznasii fi daldalaa naannoo Oromiyaa fi Jibuutii cimsuuf ni hojjetama jedhaniiru.

Koonfaransii biiznasii fi invastimantii Adaamaatti gaggeeffamurratti hawaasni biiznasii Jibuutii dammaqinaan akka hirmaatan obbo Shimallis waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.