Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Godina Arsiitti Qamadii Kilaasteraan misoomaa jiru daawwatan

Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (FBC) – Jilli Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Arsiitti Qamadii Kilaasteraan misoomaa jiru daawwateera.

Jilichi Godina Arsii aanaa Heexoossaatti ganda Shaaqii Shararaatti qamadii lafa hektaara 80 irraatti kilaasteraan misoonaa jiru daawwatteera.

Aanaa Heexosaa ganda Shaaqii Shiraraatti lafa hektaara kuma 1 fi 100 kilaasteraan misoomaa jiru keessaa lafti hektaarri 922 qamaadii kilaasteraan misoome ta’uu OBN gabaaseera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalees Godinaalee Oromiyaa keessatti oomishni haala walfakkaatuun kilaasteraan misoomaa jiraachuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.