Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan Warshaa Waldaa Aksiyoona ‘Jabduu Motors’ Eebbisiisaan

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015(FBC)- Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu magaalaa Bishooftuutti Warshaa Waldaa Aksiyoona ‘Jabduu Motors’ Eebbisiisaaniiru.
Biiroon misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa saganticharratti qonnaan bultoota naanniichaaf paanpiiwwan bishaanii dabarsee kan kennu ta’uu ibsameera.
Waldaan Aksiyoona jabduu Mootars paanpiwwan bishaanii biyya alaarraa fichisiisuun qonnaan bultootaaf kan dhiyeessu yoo ta’u, guyyaa har’aas Paampiiwwan xixixqaa kuma 16 fi paanpiwwaan gurguddoon 803 dabarfamanii ni laatamu.
Paanpiwwan kanneenitti Birrii miliyoonni 600 ol baasii ta’eera.
Qonnaan bultonni galtee qonnaa kanatti fayyadamuun Lafa hektaara kuma 75 ol misoomsuu ni danda’u jedhameera.
Naannichi hojiiwwan misooma baadiyyaa galmaan gahuuf karoorfameen, galmoota afuur kanneen akka Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, oomisha alaa galuu kan biyya keessaan bakka buusuu, oomiisha alergii dabaluu fi dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Sirnicharratti Pireezidaaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseeniifi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannichaa biroon argamaniiru.
Jamiilaa Jamaaliifi Adaanach Abbabaatu Gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.