Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis qonna kilaastaraa fi hojii deebisanii dhaabuu Arsii Lixaa daawwatan

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamanneetti qonna boloqqee kilaastaraan misoome daawwatan.
 
Jilli preezdaant Shimallisiin duurfamu kaleessa magaalaa Baatuu fi Shaashamanneetti namoota rakkoo nageenyaa tibba darbe uumamee tureen miidhaman waliin mari’achuun, hojii deebisanii dhaabuus daawwataniiru.
 
Har’ammoo qonna boloqqee kilaastaraan misoome daawwataniiru.
 
Hojimaatni kun qonna duubatti hafaa bifa bittinnaa’en gaggeeffamaa ture kilaastaratti fiduun heektaara tokkorraa hanga kuntaala 30 argachuuf abdii ta’uufii qonnaan bultoonni hirmaattota daawwichaatif ibsaniiru.
 
Aanichatti hanga ammaatti lafti heektaarri 8,556 qonna kilaastaraa boloqqeetin misoomuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanichaa obbo Bariisoo Fayyisaan himaniiru.
 
Jilichi aanaa Shaallaatti goruudhan hojii deebisanii dhaabuu namoota rakkoo nageenyatiin qabeenyi isaanii jalaa miidhame daawwataniiru.
 
Aanaa Dodolaattis ooyruu garbuu nyaataa fi biiraa kilaastaraan oomishamu daawwataniiru.
 
Heektaarri kumni 10 garbuu nyaataf oolu fi heektaarri kumni 8 ammoo garbuu biiraa yoo ta’u kilaastaraan kan misoomedha.
 
Qamadiin heektarari kumni 18 ammoo %60 isaa kilaastaraan kan misoomedha.
 
Kanarraayis heektaaran qamadii kuntaala 50, garbuu nyaataa kuntaala 35 fi garbuu biiraa kuntaala 60 argachuuf karoorfameera.
 
Aanaa Dodolaa fi magaalaa Adaabbaatti namoota tibba darbe rakkoo nageenyaa tureen manneen jireenyaa fi daldalaa jalaa miidhaman hojiin deebisanii dhaabuu daawwatameera.
 
Obbo Shimallis Abdiisaan Baale magaalaa Roobeetti jiraattota waliin mari’ataniiru.
 
Tizzitaa Dassaalanyitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.