Obbo Shimallis Abdiisaan jila Ministiroota biyyoota Afrikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Eebla 22,2015(FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan jila Ministiroota biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin mari’ataniiru.
Obbo Shimallis jila ministiroota biyyoota Tanzaaniyaa, Niijar, Zaambiyaafi Kootdiivaar muuxxannoo Ce’umsa Walitti Hidhamiinsa Sona Qonna Oromiyaa qooddachuuf dhufan waliin mari’achuu eerameera.
Keessummoonni biyyoota kanneenii turtii obbo Shimallis Abdiisaa waliin taasisanitti akka gammadan ibsuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Guyyoota dhufanitti Ministiroonni Biyyoota Afrikaa 14 hojiilee qonnaa Oromiyaa kan daawwatan ta’uus ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.