Fana: At a Speed of Life!

obbo Shimallis Abdiisaan Gumbii Bordoddeetti proojaktii misooma hidha laga jallisii Gololchaa hojii jalqabsiisan

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Gumbii Bordoddeetti proojaktii misooma hidha laga jallisii Gololchaa hojii jalqabsiisan.

Proojaktiin misooma jallisii godina Harargee Lixaa aanaa Gumbii Bordoddee laga Gololchaarratti ijaarramu kun Birrii biiliyoona tokkotti siquun misooma.

Proojaktiin naannoo haala qilleensaa gammoojjummaa qabutti hojjetame kun waggaatti si’a lama hanga sadii oomishuu dandeessisa.

Jiraattonni aanichaa hanqina roobatiin oomisha ga’aa argachuun rakkoo akka itti ture ibsu.

Proojaktiin misooma jallisii har’a preezdaant Shimallis Abdiisatiin hojiin isaa jalqabsiifame kun jiraattonni deeggarsa wabii midhaan nyaataa jalaa ba’anii akka of danda’an tumsa jedhameera.

Proojaktichaan kilaastaraan fudraa fi mudraa misoomsuun karoorfameera.

Aanaa Gumbii Bordoddeetti abbootiin warraa kuma 3 fi maatii kuma 26tu deeggarsa midhaan nyaataan jiraataa jira jedhameera.

Proojaktii misooma jallisii kanaan lafa heektaara kuma 1 fi 400 misoomsuun abbootii warraa kuma 2 fi 400 fayyadamoo taasisa.

Ifaa Dalasaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.