Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Arafaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) – Preezdaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan Ayyaana Iid Al Adahaa Arafaa waggaa 1442ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hordoftoota Amantaa Islaamaa, Ummata naannoo Oromiyaa fi Ityoophiyaa baga guyyaa kabaja ayyaana Arafaa bara 2013 Waggaa 1442ffaaf kabajamu nagaan geessan jedhaniiru.
Hordoftoota amantaa Isilaamaa biratti sirna ho’aadhaan kan kabajamuufi ayyaanota ummataa akka biyya keenyaatti beekaman keessaa tokko kan ta’e ayyaanni Idal Adahaa/Arafaa ayyaana aarsaa ta’uusaatu himama.
Quraana Qulqulluu keessatti Rabbiin amantii Ibraahimiin qoruuf ilmasaa aarsaa akka dhiyeessu gaafate.
Ibiraahimis ajaja Rabbiitiif abboomamee osoo garaa hin hirin ilmasaa mararfatu Isimaa’eliin aarsaa qalmaa dhiyeessuuf gaara Arafaatitti ol baase.
Ibraahimiifi Ilmisaa gaara Arafaatitti wayita ol bahan Isimaa’el garam akka deeman gaafatee ture. Abbaansaa Ibraahimis Rabbiif aarsaa qalmaa dhiyeessuu akka deeman hin dhoksine.
Garuu oolaan qalmaaf ta’u hin turre.
Kanaafuu, Ibraahim ilmasaa dhiyeessuu hin mararfanne.
Ilmisaa Ismaa’elis qalma aarsaa dhiyaachuuf of hin qusanne.
Kun ammoo sababa qulqullummaa ta’eefii lakkaa’ameera.
Gaara Arafaat yammuu ga’an oolaan aarsaa Rabbi biraa qophaa’eera.
Hordoftoonni amantaa Isilaamaa ayyaana Arafaa wayita kabajan seenaa aarsaaf of qopheessuu Ibraahimiifi ilmasaa Ismaa’eliin kahumsa godhachuudhaan dirqama akka amantichaatti bahachuu qaban raawwachuudhaan yaadatanii kan oolan ta’uutu himama.
Akka barsiifata gaarii hordoftoota amantaa Isilaamaatti harka qalleeyyii gargaaruun, kan rakkateef dirmachuufi dadhaboota ol qabuun ajaja Rabbii raawwachuuf aarsaa kaffalamu ta’utu amanama.
Duudhaa waliif birmannaafi waliif yaaduu kun guyyaa ayyaana Arafaa qofa osoo hin taane, itti fufiinsa dhalootaa keessatti barsiifata gaarii ittiin hogganamaniifi abboommii amantichaa ittiin gaafataman ta’uutu amanama.
Anis carraa guddaa kanatti fayyadamee hordoftoota amantaa Isilaamaafi ummata naannoo keenyaatiif dhaamsa gurguddaa laman qaba.
Inni duraa duudhaafi barsiifata gaggaarii ummata keenyaa dagalfannee kenna tajaajila lammummaa bonaafi ganna hojjetamu labsineerra.
Bakka humni mootummaa hanqatu hundatti humnaafi qabeenya qabnutti fayyadamnee imala badhaadhinaa eegalle milkeressuudhaaf alkaniifi guyyaa akka hojjennu imaanaan jedha.
Lammaffaarratti, bara kana akka mootummaatti humna, qabeenyaafi gamtaa ummata keenyaa abdannee warra kabajaafi birmadummaa biyya keenyaarratti aggaaman hunda fuuldura dhaabbannee didneerra.
Mirgaafi faayidaa keenya dabarsinee hin kenninu jechuunis falmanneerra.
Waltahiinsaafi tokkummaa keenyaan injifachaa jirra; Ta’us kanneen nu hafanis danuudha.
Kanaafuu, har’as akkuma kaleessaa dhimma kabajaafi birmadummaa biyyaa, mirgaafi faayidaa ummattoota keenyaarratti harka walqabannee akka hojjennu cimsee dhaamuun barbaada.
Ayyaana gaarii!!!!!!
Shimallis Abdiisaa
Pirez. BMN Oromiyaa
Adoolessa 2013
Finfinnee
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.