Obbo Ristuu Yirdaaw qaamoolee filannoon karaa nagaan akka xumuramu deeggarsa taasisan galatteeffatan
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Ummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaaw qaamoolee filannoon murtoo Uummataa Walaayittaa irra deebiin gaggeeffame karaa nagaan akka xumuramu deeggarsa taasisan galatteeffataniiru.
Filannoon murtoo uummataa karaa nagaa, Dimookiraatawaa fi amanamummaan akka gaggeeffamu qaamolee shooraa olaana bahatan Boordii filannoo Biyyaleessaa fi qaamoolee nageenyaa sadarkaan jiran hunda galateffataniiru.
Akka naannootti gurmaa’uun daangaa bulchiinsaaf malee ummatootaa gidduutti daangaa ijaaruu akka hin taane hubatamuu qaba jedhan.
Kaayyoon mootummaa olaanaan ummata hiyyummaa keessaa baasuun badhaadhina hunda galeessa mirkanneessuuf ta’uu kaasuun, kanaafis hirmaannaan qaama hundaa murteessaa ta’uu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.