Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ristuu Yirdaaw godina Guraagetti qamadii kilaasteraan misoomaa jiru daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawuufi hoggantoonni olaanoon naannichaa biroon  godina Guraagetti qamadii kilaasteraan misoomaa jiru daawwatan.

Kanaan dura aanichatti rakkoo nageenyaa uumamee tureen hojii qonnaarratti dhiibbaan gahee turuu obbo Ristuun yaadachiisaniiru.

Hawaasni rakkoo nageenyaa uumamee ture mala aadaan furuu isaatiin oomisha qamadii kana oomishuun danda’amuu eeraniiru.

Naannichatti oomisha qonnaa waqtii birraan lafa heektaara kuma dhibba 1fi kuma 75 irratti sanyiin qamadii faca’uufi oomishni kuntaalli miiliyoonni 7.5 ni argama jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Jilli pireezidaantii naannichaan durfamu godinaalee Silxee, Halaabaafi Walaayittaatti oomisha qonnaa ni daawwatu jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.