Fana: At a Speed of Life!

Obbo Qajeelaa Mardaasaan Ityoophiyaatti daayrektara Yuuniskoo waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 1 ,2015(FBC)- Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan Ityoophiyaatti daayrektara Yuuniskoo Dooktar Riitaa Biisoonaawut  waliin mari’atan.

Mariisaaniin, hordoffii hojiirra oolmaa Konveenshinii Yuuniskoo bara 2005, deeggarsa dhaabbatichi hojiirra oolmaa imaammata fiilmii Ityoophiyaaf taasisu akkasumas haala dubartoonni aartii fakkii kaasurratti hirmaatan deeggarsa argachuu danda’anirratti mari’achuu eerameera.

Dabalataanis gola ambaan saayinsii, aadaan, bu’aaleen aartiifi hambaaleen  Ityoophiyaa itti beeksifamuu danda’an irratti mari’achuu ibsameera.

Yeroo itti aanutti ergama dhaabbilee lameenii raawwachuuf kan gargaaran hojiilee ijoo waloo adda baasuuniifi waliigaltee waliif mallatteessuun gara hojiitti seenuun barbaachisaa ta’uu ibsamuu ragaan ministeericharraa dhiyaate ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.