Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ordii Badriin damee tuuriizimiin walta’iinsaan hojjechuuf Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii damee tuuriizimiirratti walta’iinsaan hojjechuuf Itiyoophiyaatti Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hanqinaalee misooma tuuriizimii furuu, hojiilee misoomaa fi beeksisa bakkeewwan hawwata tuuriizimii tumsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Hariiroo naannicha waliin qaban cimsuun damee tuuriizimii irratti daran walitti dhiyeenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu Ambaasaaddaroonni ibsaniiru.

Misooma qabeenya tuuriizimii naannichaa tumsuu fi beeksisuun faayidaa damicharra argamsisuuf xiyyeeffannaan kennamuu akka qabu ibsaniiru.

Dabalataan abbootiin qabeenyaa biyya isaanii naannichatti hojiilee invastimatiirratti akka bobba’an haala mijeessuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.