Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafee Mahaammad ergaa baga geessanii dabrsan

Finfinnee, Qaammee 4,2014 (FBC)- Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad waggaa haaraa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabrsan.

Obbo Musxafeen ergaa isaaniin, waggoottan arfan darbanitti akka biyyaatti rakkooleefi gufuuwwan hedduun biyyattii mudachuu yaadachiisaniiru.

Waloofi tokkummaan dhaabachuun shirawwan biyyi akka bittinnooftuuf xaxaman fashaleessuun sadarkaa amma irra jirrurra geenyeerra jedhan.

Waggaa haaraan Ityoophiyaaf nageenyi kan itti dhufu, uummatasheef bara tasgabbii akka ta’u hawwuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Obbo Musxafeen uummata biyyattii maraan baga bara haaraa 2015 nagaan isin gahe jechuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.