Obbo Musxafeen Muummee Ministiraa Somaaliyaa Hamzaa Abdii waliin mari’atan
Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafeen Mohaammad, Muummee Ministiraa Somaaliyaa Hamzaa Abdii fi jila isaanii waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin Obbo Musxafeen Muummee Ministiraa Hamzaa Abdii fi jila isaanii waliin hojiilee misoomaa fi nageenyaa, mootummaa jijjiiramaan hojjetamaa jiranirratti ibsa kennaniiru.
Jilichi pirojektiiwwan bu’uuraalee misoomaa mootummaa naannichaa fi federaalaan hojjetamaa jiranis daawwachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Muummeen Ministiraa Somaaliyaa Hamzaa Abdii fi jilli isaanii, Magaalaa Baahirdaaritti kan gaggeeffame Fooramii Xaanaa 10ffaarratti hirmaachuun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.