Obbo Musxafeen miseensota koree gorsitota qulqullina barnootaa hundaa’e waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 3, 2015 (FBC)- Pireezidantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad naannichatti kan hundaa’e miseensota koree gorsitoota qulqullina barnootaa waliin mari’ataniiru.
Maricharatti Obbo Musaxafeen akka ibsanitti, qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota ammaa fi egereef faayidaa olaanaa qaba.
Bu’aan qormaataa kutaa 12ffaan argame sadarkaa dameen barnootaa irra jiru kan akeeku ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Fuuldurattis miseensonni korichaa qulqullina barnootaa naannichaa guddisuu fi damechaan jijjiiramaa fiduuf hubannoo jiru gabbisuurratti xiyyeeffachuun akka hojjetan kalattii kaa’aniiru.
Obbo Musxafeen, miseensonni korichaa damee barnootaarratt hordoffii fi hojiilee deeggarsaaf tattaaffii olaanaa akka taasisan hubachiisaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.