Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafeen humna addaa naannoo daangaa aanaa Ferferitti argamu jajjabeessan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad humna addaa naannoo daangaa aanaa Ferferitti Alshabaab falmachaa jiru jajjabeessaniiru.

Obbo Musxafeen humna addaa naannichaa Garee Alshabaab karaa aanaa Ferferiin Km 15 naannicha seenee ture barbadeesse jajjabeesuun galateeffataniiru.

Jaarsolii biyyaa fi Abbootii amantaa aanichaa waliin mari’achuu isaanis ibsameera.

Sirna daawwannaa kanarratti aanga’oonni olaanoon mootummaa naannichaa biroon argamuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.