Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafeen hoggantoota olaanoo tajaajila proojektii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)-Preezdaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad hoggantoota olaanoo tajaajila proojektii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Preezdaantichi jila daayreektara biiroo olaanaa tajaajila proojektii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi bakka buutuu Gamtaa Afrikaa Warqinaash Mokkonniin durfamu waajjira isaaniitti simachuun naannichatti hongee mudateerratti mari’ataniiru.

Obbo Mustafeen hongee naannichatti muudatee fi sababa hongeetin lammiileerra miidhaa qaqqabuu danda’uu ittisuuf karoora qabamee fi hanga ammatti tarkaanfiiwwan fudhatama irratti ibsa laataniiru.

Tattaaffii Mootummaan taasisaa jiru kan dinqisiifataan daayreektarri biiroo olaanaa tajaajila proojektii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi bakka buutuu Gamtaa Afrikaa Warqinaash Mokkonniin gama isaaniin, dhaabbatichi hongee naannichatti muudatee ittisuuf ga’ee isaanii akka ba’aatuu ibsuusanii ragaan Kominikeeshinii naannichaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.