Obbo Musxafeen dhaabbilee deeggartootaa naannichatti argaman waliin mari’ataniiru
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC) – Itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaammad dhaabbilee deeggartootaa naannichatti argaman waliin mari’ataniiru.
Hariiroo mootummaa fi dhaabbilee deeggartootaa gidduu jiru cimsuu, deebii ariifachiisaa laachuu, dhiibbaa fi rakkoolee naannicha jiran haala furuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Qaala’iinsa jireenyaa sababa weerara vaayrasii koroonaan biyyattii muudateen harka qaleeyyii naannicha keessatti argaman wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun qoramaata ta’uu ibsameera.
Bara kana naannicha hanqinni roobaa muudachuu waan danda’uuf mootummaa fi dhaabbileen deeggartootaa naannichaa bifa qindaa’een qophii ga’aa taasiisuun barbaachisaa ta’uu ragaan Miidiyaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.