Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafeen bakka bu’aa dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 3, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad bakka bu’aa dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa (USAID) Iskoot Hooklaadaar waliin mari’ataniiru.

Haala hariiroo mootummaa naannichaa fi dhaabbatichaa gidduu jiru caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.

Akkasumas tumsa Piroojektoota misoomaa qaban haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’usa.

Kutaalee hawaasaa deeggarsa midhaan nyaataan barbaadaniif deeggarsi akkaataa seeraan qaqqabuu danda’urratti mari’ataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.