Obbo Musxafee Mahaammad jaarsolii biyyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad dhimmoota haala yeroorratti jaarsolii biyyaa waliin mari’ataniiru.
Waltajjii marichaarratti Obbo Musxafeen dhimmoota naannoo fi biyyaalessaarratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Jaarsoliin biyyaas gama isaaniin, tokkummaa ummattootaa biyyatti fi naannichaa gidduu jiru cimsuuf, misoomnii fi nageenyi akka mirkanaa’uuf gahee gama isaanii akka bahatan dubbataniiru.
Hojiirra oolmaa isaafis mootummaa waliin qindoominaan akka hojjetan mirkaneessuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.