Fana: At a Speed of Life!

Obbo Masfin Xaasawu hojii raawwachiisaa olaanaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) – Obbo Masfin Xaasawu hojii raawwachiisaa olaanaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa ta’uun muudamaniiru.

Daandii qilleensichaa waggoota dheeraaf hojii raawwachiisaa olaanaa ta’uun hogganaa kan turan obbo Tawaldee Gabramaariyaam guyyaa kaleessaa fedhii isaaniitiin hojii gadhiisuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Guyyaa kaleessaa walitti qabaa boordii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa ta’uun kan muudaman obbo Girmaa Waaqeen Obbo Tawaldee Gabramaariyaam fedhii isaaniitiin hojii gadhiisuu fi

boordii haaraa hundaa’e ilaalchisee har’a ibsa laataniiru.

Obbo Tawaldeen baatiiwwan 6 darbaniif Ameerikaatti wal’aanamaa turuu, gaaffii hojii gadhiisuu dhiyeeffachuu fi boordii haaraan hundaa’e guyyaa kaleessaa kabajaan isaan gaggeessuu ibsaniiru.

Boordichi obbo Masfin Xaasawuun hojii raawwachiisaa olaanaa daandii qilleensichaa taasisuun muuduu dubbataniiru.

Obbo Masfin Xaasawu kanaan dura Daandii Qilleensa Ityoophiyaatti Daayrektara qajeelcha teeknooloojii odeeffannoo, Suphaa fi Injinariingii akkasumas oppireeshinii ta’uun tajaajilaniiru.

Bara faranjoota 2019 irraa eegalee hoggansa hojii boordii daandichaa keessa tajaajilaa turuu ibsameera.

Dabalataanis boordiin kanaan dura ture hoggansa haaraan bakka bu’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan:-

  1. Obbo Taklawald Axnaaf
  2. Obbo Tamasageen Xiruunahi
  3. Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
  4. Obbo Taaddasaa Xilaahuun
  5. Obbo Rattaa Malaakuu fi
  6. Obbo Alamaayyahu Asaffaan miseensota boordii haaraa ta’uu himaniiru.

Tsaggaayee Wandasantu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.