Fana: At a Speed of Life!

Obbo Malaakuu Allebal Hawaasaatti indaastiriiwwan garaagaraa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal Magaalaa Hawaasaatti indaastiriiwwan maanufaakchariingii garaagaraa daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin, warshaalee oomisha ashaboo Ayodaayizdii, warshaalee oomisha seeraamikii fi kanneen biroo daawwataniiru.
Itiyoophiyaan daandii misoomaa qabatte babal’isuuf indaastiriiwwan maanufaakchariingii onnachiisuu barbaachisa jedhan.

Meeshalee biyya alaarra galan biyya keessatti oomishuun, kan biyya keessan bakka buusuuf, jireenyaa hawaasaa fooyyessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himuu ragaan kominikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

Hogganaan Biiroo Indaastirii Naannoo Sidamaa Obbo Goosaayee Godaanaa, indaastiriiwwan maanufaakchariingii naannichatti argaman waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Damichi faayidaan Itiyoophiyaaf qabaatu olaanaa ta’uun, guddina diinagdee waaraa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuun indastiriiwwan naannichatti argama abdii qabeeyyii ta’uu dubbataniiru.

Indaastiriiwwan maanufaakchariingii gama isaaniin, qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf gahee gama isaanii akka bahatan eeraniiru.

Omisha babal’isuuf deeggarsii fi hordoffiin mootummaa akka taasifamuuf akkasumas walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.