Fana: At a Speed of Life!

Obbo Malaakuu Allebal fi Ambaasaaddarri chaayinaa indaastiriiwwan daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhi’oo Zhaa’oon indaastiriiwwan Chaayina damee oomishaarratti bobba’an daawwataniiru.

Daawwannichi rakkoolee indaastiriiwwaniin mudachaa jiru adda baasuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Akkasumas carraalee bal’aa jiran argisiisuuf ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo gam-lamee cimsuun kaayyoo daawwannichaa ta’uun TOI gabaseera.

Rakkoolee indaastiriiwwan mudatan furuufis marii daawwannichaan boodaa gaggeeffamuun kallattiiwwan furmaataa ni kaa’amu jedhamee eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.