Fana: At a Speed of Life!

Obbo Malaakuu Allabal Ityoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa Zaahoo Zhiiyuhaan waliin mari’atan

Finfiinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal Ityoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa Zaahoo Zhiiyuhaan waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniitin obbo Malaakuun, Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo baroota dheeraa qabachuu isaanii ibsaniiru.
Mootummaan Chaayinaas guddina diinagdee waqtaawaa Ityoophiyaa keessaatti shoora olaanaa qabachuu ibsuun, deeggarsi kun itti fufiinsa kan qabuu fi gara fulaa duraatti cimee akka itti fufuu ibsaniiru.
Ambaasaaddarichi gama isaaniitin, duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraay kan milka’ee ta’u himaniiru.
Mootumman Chaayinaas Ityoophiyaatti nageenyi waarawaan akka bu’uuf deeggarsa guutuu akka taasisuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.