Fana: At a Speed of Life!

Obbo Maammoo Miratuun Biil Geet waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Obbo Maammoo Miratuun, Hundeessaa fi Dura Taa’aa Faawundeeshinii Meeliinaa fi Biil Geetis waliin mari’ataniiru.

Biil Geetis, Obbo Maammoo Miratuu fi Daarektara Olaanaa Pirojektii Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa Yodahee Ar’ayasillaasee waliin walta’iinsa jiru cimsuu fi faayinaansii dijitaalaa hunda hammataa ta’erratti marii bu’aa qabeessa taasisuun eerameera.

Naannawichatti, sirna koorniyaa fi faayinaansii Islaamummaa babal’isuurratti mari’achuu ragaan Baankii Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.

Faawundeeshiniin Biilii fi Meeliindaa Geetis mootummaan Itiyoophiyaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa babal’isuun ce’umsa dijitaalaa fi hirmachisummaa faayinaansii mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru kan deeggaru ta’uu Biil Geetis mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.