Fana: At a Speed of Life!

Obbo Lidatuu Ayyaalaw irratti himatni biroo dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Obbo Lidatuu Ayyaalaw irratti himatni biroo dhiyaate.

Obbo Lidatuu Ayyaalaw irratti himatni biroo sanada mootummaa cee’umsaa hundeessu qopheessuu jedhu dhiyaateera.

Himaticha kan dhiyeesse Abbaa Alangaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa yoo ta’u, himatichis dhaddacha ramaddii mana murtii waliigala Bahaa naannichaatti.

Jecha isaanii dhaggeeffachuuf Onkolooleessa 5, 2013tti beellamni laatameera.

Meeshaa waraanaa seeraan qabatanii argtamuu irratti ragaa dhaggeesisuuf beellamni Onkolooleessa 3, 2013tti kennameera.

Taariik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.