Fana: At a Speed of Life!

Obbo Lammaa Magarsaa Deettaa Ministira Dhimma Alaa Faransaay Waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Ministirrin Raayyaa Ittisaa obbo Lammaa Magarsaa Deettaa Ministira Dhimma Alaa Faransaay Zhiyaan Baabtiist Leemoyn Waliin mari’atan

Jilli Ministira Raayyaa Ittisaa Biyyaa FDRI obbo Lammaa Magarsaan durfamu daawwanaa hojiif guyyaa kaleessa gara Faransaay imaleera.

Guyyaa har’aas Ministirrin Raayyaa Ittisaa obbo Lammaa Magarsaa Deettaa Ministira Dhimma Alaa Faransaay Zhiyaan Baabtiist Leemoyn Waliin mari’achuu ragaan Faransaayitti Imbaasi Ityoophiyaarra arganne ni muldhisa.

Daawwannaa kanaan itti gaafatamtoota Waajjira Preezdaantii Faransaay, Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa, ministir deettaa Ministeera Dhimma Alaa fi Itaamaajoorii biyyattii waliin dhimmoota waloo irratti ni mari’atu jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.