Obbo Iristuun lafti qotamuu qabu osoo hin qotamini akka hin hafne hubachiisan
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Itti Aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaawu lafti qotamuu qabu osoo hin qotamin akka hin hafne hubachiisaniiru.
Ityoophiyaatti hanqinni oomishaa akka hin muuddanne lafti qonnaa naannichatti argamu hundi sirnaan qotamuu akka qabu yaa’ii idilee waggaa 6ffaa marsaa 5ffaa gaggeeffame irratti haasawa taasiisaniin hubachiisaniiru.
Dhiyeessii galtee qonnaa barbaachisu guutuuf mootummaan naannichaa mootummaa Federaalaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Lafti kilaasteeraan Rooba xiqqaa fi jalliisiin misoomuu danda’u qorannoon adda ba’uu eeraniiru.
Qonnaan bulaan lafa qopheessuun oomisha ga’aa akka oomishu ogeeyyiin qonnaa fi hoggansi mootummaa sadarkaan jiran eeggarsa barbaachisu akka taasiisan hubachiisaniiru.
Xilahuun Yilmaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.