Fana: At a Speed of Life!

Obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi Uhuuruu Keeniyaataa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI duraanii fi dura taa’aan Qindoomina ‘Green Revolution Africa’ obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi Preezdaantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa waliin mari’ataniiru.
Jilli Preezdaantii ‘Green Revolution Africa’ Dooktar Oginees Kaalibaatan dabalatee jilichi Fulbaana dhufu walga’ii Qindoominsa ‘Green Revolution Africa’ Naayiroobiitti akka gaggeeffamu Preezdaantii Uhuuruuf ibsa godhaniiru.
Keeniyaan walga’ii qindoominichaa keessummeessaa kan taate sirna nyaataa fi wabii nyaataa irratti hojii hojjetteen ta’uun himameera.
Yaa’iin kunis milkaa’ina Keeniyaa hawaasaa idil addunyaatti beeksisuuf carraa guddaa ta’uu Preezdaantichaaf ibsuu ragaan Waajjira Preezdaantii Keeniyaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.