Obbo Girmaa Waaqee walitti qabaa boordii manaajimantii Giruuppii daandii Qilleensaa Ityoophiyaa ta’uun muudaman
Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Obbo Girmaa Waaqee walitti qabaa boordii manaajimantii Giruuppii daandii Qilleensaa Ityoophiyaa ta’uun muudamaniiru.
Daandiin qilleensichaa obbo Tawaldee Gabra Maariyaam rakkoo fayyaa qabaniin walqabsiisee aangoosaanii fedhiin gadi lakkisuun ibsuun isaa ni yaadatama.
Daandiin qilleensicha obbo Girmaa Waaqee walitti qabaa boordii manaajimantii Giruuppii daandii Qilleensaa Ityoophiyaa taasisuun muudeera.
Damee geejjiba xiyyaaraatin muuxannoo gabbataa kan qaba obbo Girmaan, bu’aa milkaa’inaa daandiin qilleensichaa amma irra jiruuf waggoota torbaaf hojii raawwachisummaadhaan hojjetaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.