Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun gitasaanii Kaanaadaa waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ministira Ministeera Dhimma Alaa Kaanaadaa Fraanswaa Filiippii Shaampaany waliin bilbilaan mari’atan.
 
Hariirooo biyyoota isaanii cimsuu fi dhimmoota idil addunyaarratti mari’ataniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti tumsaan bifa hojjechuun danda’amurrattis haasa’aniiru.
 
Obbo Gadduun hariiroon biyyoota lamaanii kan barootaa ta’uu ibsanii, Ityoophiyaan weerara vaayrasichaa ittisuurratti hojiilee hojjechaa jirturratti ibsa laataniiru.
 
Gitootni lamaan weeraricha ittisuuf kopha kophaa socho’uun bu’a qabeessa waan hin taanef tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
 
Afrikaatti weerarichi miidhaa hamaa akka hin qaqqabsiisne Kaanaadaan kan tumsitu ta’uu Fraanswaa Filiippii Shaampaany ibsaniiru.
 
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa lammiileen Kaanaadaa weerarichaan akka hin miidhamne tajaajila geejibaa laatefis galateeffataniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.