Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun gita isaanii Kaanaadaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimmaa Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Ministira Dhimma Alaa Kaanaadaa Firaansiwaa Filiippi Shaampanyi waliin mari’ataniiru.
 
Obbo gadduun hariiroon Ityoophiyaa fi Kaanaadaa jaarraa walakkaa ol kan lakkoofsise ta’uu ibsuun, Kaanaadaan biyyoota misooma Ityoophiyaaf gummacha olaanaa taasisan keessa adda duree ta’uu himaniiru.
 
Jijjiirrama hunda galeessa Ityoophiyaan taasisaa jirtuuf Kaanaadaan deeggarsa ishee cimsitee itti fufuu akka qabdu gaafataniiru.
 
Walitti hidhamiinsi daldalaa, invastimantii fi turiizimii Mootummaa Ityoophiyaa fi Kaanaadaa caalmaatti cimuu akka qabus gaafataniiru.
 
Balalliin Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa torbeen guyyaa 5 gara Kaanaadaatti taasisu hariiroo ummataa cimsuuf shoora guddaa qaba jedhan obbo Dammaqqaan.
 
Ministirri Dhimma Alaa Kaanaadaa Firaansiwaa Filiippi gama isaaniin, hariiroon Ityoophiyaa fi Kaanaadaa cimaa, bara dheeraa fi seenaa irratti kan hundaa’e ta’uu kaasuun, yeroo itti aanuus waliin hojjechuuf biyyi isaanii qophii ta’uu ibsaniiru.
 
Jijjiirrama diinagdee fi siyyaasaa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifachuun, filannoon dhufu karaa nagaan akka xumuramu hawwii qaban ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni agarsiisa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.