Obbo Gadduun Andaargaachaw duula naannoo Tigraayitti gaggeeffama jirun preezdaantii Somaaliyaaf ibsa taasisan
Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Gorsaan nageenya biyyoolessaa muummee ministiraa obbo Gadduu Aandaargaachaw duula olaantummaa seeraa kabachiisu naannoo Tigraayitti gaggeeffama jirun preezdaantii Somaaliyaa Mohaammad Abdullaayii Faarmaajoof ibsa taasisaniiru.
Obbo Gadduun duulli sirna olaantummaa seeraa kabachiisu karooraa qabameen haala gaarii raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Gareen juntaa ABUT yeroo dhiyoottis xumuraasa ni argata jedhaniiru.
Preezdaantii Somaaliyaa Mohaammad Abdullaayii Faarmaajoo gama isaaniitiin, Somaaliyaan mootumma Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbattu mirkaneessuu isaanii raga Ministeera Dhimma Alaarra arganne ni muul’dhisa.