Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduu Andaargaachaw gita isaanii Xaaliyaan waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) –  Obbo Gadduu Andaargaachaw gita isaanii Xaaliyaan waliin bilbilaan mari’atan.

 

Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaaw Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaa Luygii Dimaayyuu waliin bilbilaan mari’ataniiru.

 

Marii isaniin haala hariiroon biyyoota lameenii cimuu itti danda’uu fi dhimmoota weerara covid 19 waloon ittisuun danda’amurratti akkasumaas, hidha haaromsaa guddichaa irratti waliin mari’achuu ibsameera.

 

Ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaaw Ityoophiyaan hariiroo baroota dheeraa Xaaliyaan waliin qabdu caalumatti akka cimsutu himaniiru.

 

Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaa Luygii Dimaayyuu gama isaniin hariiroo biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin qabdu caalumatti akka cimuu fi ijaarsi hidha haaromsa Ityoophiyaa faayidaa biyyoota sadeenii bifa eegatee fi garagartee isanii mariin akka furatan ibsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.